Loading…

Damee Ambootti sirni saaqinsa hojii Qaqqabaa (Tadaraashii) gaggeeffameera.

June 20, 2026

Guyyaa 13/10/2018  Damee Ambootti sirni saaqinsa hojii Qaqqabaa (Tadaraashii) gaggeeffameera. Sagantaan kunis  tajaajila miseensotaaf kennamu cimsuu fi hojii waldaa hojii gamtaa irratti hubannoo uumuu irratti xiyyeeffateera.

Sirna kana irratti Geggeessaan Dhaabbata Tadaarshii, Obbo Alammayyoo, hirmaattotaaf ergaa isaanii dabarsuun hojii waldaa hojii gamtaa keessatti   miseensotaaf tajaajila qulqullinaa kennuu fi hojii qusannoo fi liqii cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Kana malees, dhimma waldaa hojii gamtaa irratti leenjiin kenname hirmaattotaaf hubannoo bal\'aa uumee, hojii gamtaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu irratti mariin bal\'aan taasifameera.

Tederash Assistant

Always Online